• Sun. Jul 5th, 2026

Murni bilxiginnaa haleellaa waraanni bilisummaa Oromoo magaaloota Oromiyaa hedduu keessatti fudhachaa jirutti baaraguun baankiin qarshii 500,000 ol akka of bira hin keenye ajaja dabarsuun barame

Aug 30, 2022

Murni bilxiginnaa haleellaa waraanni bilisummaa Oromoo magaaloota Oromiyaa hedduu keessatti fudhachaa jirutti baaraguun baankiin qarshii 500,000 ol akka of bira hin keenye ajaja dabarsuun barame.

ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Gareen maafiyaa impaayeera Itoophiyaa lola keessaa bahuu hin dandeenye uummata Oromoo irratti erga labsee kasaara lubbuu waraana isaa dabalatee dinagdee cabuu fi meeshaaleen waraanaa isaa hedduun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootiin dhuunfatamuun kasaara guddaaf saaxilame jira.

Haaluma kanaan Hagayyaa 28 fi 29,2022 Baankiin Daldala Itoophiyaa qarshii impaayeerattiii 500,000 (Kuma dhibba shan) ol of bira akka hin keenye xalaayaan dameelee baankichaa garaagaraa dhaqqabe irraa beekuun danda’ameera.

Kanuma buu’ura godhachuun Hagayya 29, 2022 godina Qellem Wallaggaa onoota akka Daallee Waabaraa , Haroo Sabbuu fi kanneen biroo irra mallaaqni hedduun waraana sirna PPn konkolaataatti fe’ame ba’u maddeen Baankichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa tti himanii jiru.

Akka odeessi keessoo baankichaa ba’e ibsutti maallaqni kun daandii Naqamtee irraa ka’uun naannoo Amaaraa magaalaa Bahir Daar akka dhaqus himuun kan magaalaa Dambii Doolloo ammoo elekoopteraan akka fe’uuf jedhanis ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading