• Wed. Nov 25th, 2026

Kaabaa Shaggar aanaa Yaayyaa Gullaallee Magaalaa Fittal keessatti namoonni dhibbootan lakkaa’aman hidhamanii jiraachuu jiraattootni dubbatan

Sep 6, 2022

Kaabaa Shaggar aanaa Yaayyaa Gullaallee Magaalaa Fittal keessatti namoonni dhibbootan lakkaa’aman hidhamanii jiraachuu jiraattootni dubbatan.

ONM-ABO Fulbaana 6, 2022Oromiyaa keessatti hidhaan murna bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti hammaate kan jiru yoo ta’u warreen hidhaman keessaas namoota hedduu manni murtii bilisaan gadhiisus waajjirri Poolisii garuu ajaja mana murtii cabsuun of biratti qabes darara jira.

Akka kanaanis godina Kaaba Shaggar aanaan yaaayyaa Gullallee keessatti waraanni faashistii PP fi kaabinoonni aanichaa waliin ta’uun hawaasuma keessaa dhalatan irratti gocha sukkanneessaa dhala namaaf hin mallee irratti rawwachaa turan daran hammeessanii itti jiru.
Magaalaa Fittaal keessatti namoonni gandoota aanichaatii dhufan achi keessatti dararamaa kan jiranii fi manni murtii bilisaan gadhiisuus isaan garuu hidhichuma keessatti nama dhimma isaanii furu dhabuun rakkachaa jiru.

Namoota akka Balaay Taaddasaa, Roobaa Assaffaa, Tashoomaa Biraahanuu, Assaffaa Odaa fi Abiraaham Alamuu kanneen jedhaman manni murtii yakkaa isaanii qoratee bilisaan gadhiisuus waajjirri poolisii garuu diduun ji’oota lama oliif manuma hidhichaa keessa tursiisaa jiru.
Fiqiruu Nagaashuu, Kinfuu Fiqiree, Maayidar Addaamuu, Hojiisaa Wandimmuu, Tasfaayee Birhaanuu, Dinquu Shifarraa, Fissahaa Shifarraa, Habtaamuu Shifarraa, Birhaanuu Dhaabaa fi kanneen biroo maqaan nu hin ga’in manni murtii olaanaan bilisaan kan gadhiise ta’us waajjirri poolisii godinaa ajaja mana murtii irra darbuun hidhee dararaa jira jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Mana hidhichaa keessatti maanguddoo Alii Tolchaa jaarsa umrii 57 dabalatee dhukkubsatanii yaala dhorkatamuun du’aa fi jireenya gidduu jira jechuun maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply