• Tue. Nov 24th, 2026

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Sep 8, 2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

ONM-ABO Fulbaana 8, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti Oromiyaa mara keessatti bakka isaan maadheeffatanii jiranitti fudhachuun du’aa fi madoon adabee jira.

Akka kanaanis Fulbaana 6,2022 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa godina Booranaa ona Miyoo ganda Dukkaallee keessatti waraana weerartuu PP irratti tarkaanfii ganama toora sa’a 12:00tti fudhateen humna nyaaphaa irraa battalatti 5 ajjeesuun 4 madeessuun barameera.

Irree fi abdiin uummata Oromoo jajjabeen zoonii giddugalaa cibraan Migira Bakkee Lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti diina adabeera.

Jajjabeen Abdii sabaa Fulbaana 6,2022 suubiidhaan magaala seenuun humni diina lafa ofirraa sakatta’uuf yoo sochootu ofitti dhiheessuun magaala walakkaatti baarudaan macheessee rasaasaan akaaweera.
 
Lola kanaan humna diina irra namni 5 yoo ajjeefamu, 4 madoon adabeera.
Haga gabaasni kun qindaa’etti haalli magaala sanaa hedduu ulfaata yoo ta’u yeroo sanatti humni nyaaphaa uummanni manaa gad ba’uu dhorkuun rakkisaa akka turan barameera.

Oromiyaa afaan qawween cabde afaan qawween ijaarra!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply