• Sat. Apr 4th, 2026

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn godina baha Wallaggaa magaalaa Ukkee fi Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa dhuunfatame

Sep 9, 2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn godina baha Wallaggaa magaalaa Ukkee fi Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa dhuunfatame.

ONM-ABO Fulbaana 9,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii mooraa diinaa buqqisuu fudhachuu itti fufuun godina baha Wallaggaa magaalaa Ukkee fi Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa keessaa diina gugsee baasee to’annoo isaa jala galfatee jira.

Tarkaanfii diina uummata Oromoo dararaa jirtu waraana bilxiginnaa magaalaa fi aanota keessaa buqqisuu bifa haaraan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo eegalee itti fufuun har’a ganama Fulbaana 9,2022 WBOn zoonii lixaa godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee keessatti mooraa waraana bilxiginnaa irratti haleellaa laalessaa raawwateen waraana diinaa 50 ol ajjesuun 24 madeessee magaalicha keessaa baasee dhuunfatee jira.

Tarkaanfii guggubduu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Ukkee keessatti fudhateen meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikkatuun waraana bilxiginnaas harkaan booji’ee jira.

Meeshaalee dugdaa diinaa irraa hiikkatame bireena 2, Isnaayippera 1, qawwee AKM 50, rasaasaa AKM sanduqaa 22 abbaa 1400, rasaasa dishqaa hedduu, boombii , hidhannoo waraanaa, jorooroo bireenaa fi dishqaa uffataa, dookumentiilee addaa dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii kan taasise yoo ta’u waraana bilxiginnaa sadiis harkaan qabee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa fudhachuu itti fufuun godina Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa keessatti har’uma Fulbaana 9,2022 waraana weerartuu Abiy Ahimed magaalaa aanaa keessaa buqqisuun aanicha dhuunfatee jira.
Lola ganamaan onuma Daaboo Haannaa magaalaa Tuulamaatti jalqabeen WBOn magaalicha keessa buqqisee ari’uun gara magaalaa Daabootti ol dachaasee achi keessatti rasaasaan marsee tumuun toora sa’a 7:00 akka lakkoofsa impaayeerattiitti humna nyaaphaa cabsee magaalaa Daaboo Haannaa Daaboo to’atee jira.

Tarkaanfii ona Daaboo Haannaa magaalaa Tuulamaa keessatti eegaleen waraana Abiy Ahimed 32 battalatti ajjeesuun 23 maddeessaniiru.

Meeshaalee waraanaa bireena 3, qawwee AKM 25, rasaasa AKM fi bireenii hedduu, jorooroo bireenii dugda diinaa irraa hiikuun dantaa galii qabsoo bilisummaa Oromoof kan oolchan yoo ta’u waraana weerartuu bilxiginnaa 5 harkaan booji’anii jiru.

Tarkaanfiin waraanni bilisummaa Oromoo fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading