Poolisootni humna addaa Oromiyaa lama sirna bilxiginnaa ganuun godina Gujii bahaa keessatti WBOtti harka kennatan.
ONM-ABO Fulbaana 9,2022 Ilmaan Oromoo goyomsaa dirqiin maatii fi qe’ee isaanii irraa waraana fi dabballoota sirna PPn qabamanii sirnicha waraanummaan akka tajaajilaniif leenjii kennameefii hojii abaramaa dhiiga namootaa dhangalaasuuf bobbaafaman sana keessaa baduun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan kaleessa Fulbaana 7,2022 moraa poolisoota humna addaa Oromiyaa godina Gujii Bahaa magaalaa Nagallee Booranaa keessaa ilmaan Oromoo lama qawwee AKM 2, rasaasa 252 hidhannoo waliin mooraa diinaa keessaa baasuun sirnicha gananiin nagaan WBO bira ga’aniiru.
Ilmaan Oromoo miseensoota poolisii humna addaa Oromiyaa turan kun akka jedhanitti qawwee goyomsaa fi dirqiin nutti kennan kanaan Oromoo akka ajjeesnuu fi dararru waan nu taasisaniif sirna kana tajaajiluun yakkamaa ta’uudha jennee saba keenya dhiifama gaafachuun gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn geggeeffamaa jiruutti dhufne jechuun ejjennoo sirni bilxiginnaa Oromoo balleessuuf qabu balaaleffataniiru.
Ilmaan Oromoo mooraa waraana bilxiginnaa keessa jiran Oromiyaa mara keessatti harka kennachaa akka jiran gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

