• Sun. Mar 15th, 2026

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame

Sep 10, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.

ONN-ABO Fulbaana 10, 2022 Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Jaarmayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Biyya Yaman konyaa Radaa Gurmuu Urjii” gumaacha marsaa 25ffaa doolaara US Ameerikaa 25,647 ( kuma diigdamii shanii fi dhibba torbaa fi Afurtamii torba ) WBOf gumaachanii jiru.

Deggersa taasisaniin cinaatti ibsa ejjannoo baafataniiru.

1.Murni maqaa waraana bilisummaa Oromootiin of ijaaree socho’u gocha gara jabinaa uummata Oromoo irratti rawwataa jiru kana ni balaaleeffanna.

2.Uummanni Oromoo kanneen giddu galeessa baha Yaman bakkoota adda addaa jiraattan hundi uummata Oromoo qaanii fi salphina gabrummaa jalaa baasuuf yeroon itti WBO cinaa dhaabbattan amma waan ta’eef, dirqama Oromummaa keessanii akka ba’attan Gurmuun urjii waamicha isiniif gooteetti.

  1. Yeroo kamuu dirqama karaa ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO tiin kennamu raawwachuuf qophii ta’uu hubachiifna!

Tumsii fi deggarsi WBOf godhamu ittuma fufuun sabboontonni ilmaan Oromoo gareen ” Imaltoota Kaayyoo” jedhu jalatti gurmaa’an marsaa sadaffaaf gumaacha diinagdee WBOf taasisaniin qarshii impaayera Itoophiyaa 31,630 ( Kuma soddomii tokkoof dhibba ja’aaf soddoma ) gumaachani jiru.

Fuula duraafis hanga bilisummaatti WBO faana jirra jechuun waadaa seenuu isaanii gabaasa ajajaa olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading