• Wed. Nov 25th, 2026

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii godina Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa fudhateen waraanni faashistii PP 22 ol booji’aman

Sep 10, 2022

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii godina Bunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa fudhateen waraanni faashistii PP 22 ol booji’aman.

ONM-ABO Fulbaana 10, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo imala handhuura Oromiyaa Finfinneetti taasisu cimsee itti fufuun diina gufuu bilisummaa Oromoo ta’an waraana weerartuu PP of duraa buqqisuun harkaan booji’aa jira.

Kaleessa Fulbaana 9, 2022 lola ganamaa kaasee irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn ona Daaboo Haannaa keessatti ganama irraa qabuun geggeesseen injifannoo boonsaa gama meeshaalee waraanaa fi siyaasaan aanicha irratti argateen cinaatti loltoota tiksitoota sirna Minilik 22 ol booji’ee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo erga diina gugsee ona Daaboo Haannaa keessaa baaseen booda naannicha tasgabbeessuun warreen booji’eefis da’annoo kennuun barnoota siyaasaa kennaafii akka jiru beekuun danda’ameera.

Leave a Reply