• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Bilxiginnaa Lixa Shaggar magaalaa Gincii keessatti barsiisaa tokko ajjeesuun dhaga’ame

Sep 16, 2022

Waraanni Bilxiginnaa Lixa Shaggar magaalaa Gincii keessatti barsiisaa tokko ajjeesuun dhaga’ame.

ONM-ABO Fulbaana 16,2022 waraannii faashistii bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti badii tokko malee ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufee jira.

Waraanni weerartuu kun Oromticha godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Tulluu Bultumaatti dhalachuudhaan achumatti hojii barsiisummaatiin uummata isaa tajaajilaa ture Barsiisaa Ajjamaa Gadaa kan jedhamu boqonnaadhaaf magaalaa Buraayyuu turee osoo inni gara hojii isaatti deebi’aa jiru magaalaa Ginciitti qabanii guyyaa dheengaddaa jechuun Fulbaana 14/2022 ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Akka maddeen jedhanitti barsiisaan Ajjamaa Gadaa nama siyaasa kam irraayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti kabajaa guddaa qabu yoo ta’u, badii qabaatee osoo hin taane sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamee ajjeechaa suukanneessaan waraana PPn irratti raawwatame jedhan.

Waraanni faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo kutaa, amantii, saalaa, ogummaa,umrii fi haala jireenyaan osoo hin qoodin ajjeechaa raawwatu cimsee itti fufuun ilmaan Oromoo tokkummaan jabaatanii sirnicha irratti akka qabsaa’an kan dirqisisuu ta’uu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply