• Fri. Apr 3rd, 2026

Cawwaaqaa

ONM-ABO Fulbaana 20, 2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii Lixaa tarkaanfii diina baaragsu fudhachuu itti fufuun diina godina Bunnoo Beddelle aanaa Cawwaaqaa keessatti du’aa fi madoo hedduun adabee meeshaalee waraanaa fi waraanaa bilxiginnaa hedduu booji’ee jira.

Lola kaleesaa Fulbaana 19, 2022 ganama irraa eegaluun godina Bunnoo Beddellee ona Cawwaaqaa ganda Cawwaaqaa 2ffaa keessatti eegaleen gootichi Waraana Bilisummaa Oromooo loltoota qindaa’oo murna bilxiginnaa kanneen mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed torbee darbe keessa xiyyaaraan magaalaa Jimmaatti buusuun magaalaa Beddellee keessatti poolisoota humna addaa Oromiyaa, milishoota, poolisii idilee, raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan, poolisii federaalaa fi farra riphee lolaan wal gurmeessuun dhufan rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun ganda keessa ari’ee ganda Cawwaaqaa 5ffaatti galcheera.

Tarkaanfii laalessaa WBOn humna qindaa’aa waraana bilxiginnaa kana irratti fudhateen humni nyaaphaa 235 ajjeefamuun 131 madaa’anii jiru.

Gama meeshaatiin gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo bireena 6, isnaayippera 1, qawwee AKM Turkii 305 fi AKM durii 107, ujummoo dishqaa 2, boombii 30, rasaasa bireenaa, rasaasa AKM fi uffata waraanaa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Akkasumas waraana bilxiginnaa poolisii humna addaa Oromiyaa, federaalaa fi kanneen biroo WBO loluuf bobba’an 10 ol booji’uun gootummaa isaa agarsiisee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading