• Mon. Mar 16th, 2026

Sababa poolisootni humna addaa Oromiyaa mooraa murna bilxiginnaa lixa Wallaggaa ona Qondaalaa irraa ganuun WBOtti harka kennataniif jecha uummata magaalaa Qondaalaa dararuu jabeessan

Sep 23, 2022

Sababa poolisootni humna addaa Oromiyaa mooraa murna bilxiginnaa lixa Wallaggaa ona Qondaalaa irraa ganuun WBOtti harka kennataniif jecha uummata magaalaa Qondaalaa dararuu jabeessan.

ONM-ABO Fulbaana 23, 2022 Tortoraa deemuu murna bilxiginnaa irraa kan ka’e miseensotni waraana isaa bakka qubsiifaman cufatti mooraa sirnichaa keessaa baduun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatu.

Waraanni murna faashistii PP ilmaan Oromoo akka ajjeesan, saamanii fi hidhaaniif godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa magaalaa Qondaalaa qubsiifaman sirnicha ganuun hedduun isaanii WBO naannoo sana keessa socho’utti harka kennatanii jiru.

Sababa mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Qondaalaa jiru kana keessaa waraanni isaanii ganuuf uummata magaalichaan isintu karaa itti agarsiisaa fi gorsee baasaa jira jechuun namoota nagaa magaalattii keessatti reebicha irraan ga’aa jiru.

Keessaayyuu namoota manni isaanii naannoo mooraa isaanii jiru irratti reebichaa fi saamicha kan geggeessan yoo ta’u namoota galgala sa’a 12:00 booda daandii irratti argan irratti reebicha raawwachuun badii malee qabanii hidhaa jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Qondaalaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading