• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti barsiisaa Oromoo tokko mana hidhaa baasuun waraanni bilxiginnaa ajjeesan

Sep 24, 2022

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti barsiisaa Oromoo tokko mana hidhaa baasuun waraanni bilxiginnaa ajjeesan.

ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Murni Ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf hojjacha jiru ilmaan Oromoo qaroo fi kanneen sabicha ogummaa garaagaraa tajaajiluun hawaasa deggeraa fi dhaloota qaran adamsee ajjeesuun Oromoo agartuu dhabsiisuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan barsiisaa Taaliilaa Girmaa Badhaanee kan jedhamu dhalootan kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo kan ta’e, hojii barsiisummaaf godina Buunnoo Baddallee aanaa Daaboo Haannaa keessatti ramadamuun yeroo dheeraaf barsiisaa kan ture yoo ta’u akkuma nama kamiyyuu jijjiiraa bara haara impaayeera Itoophiyaatti maatii isa biratti dabarsuuf gara kaaba Shaggar imalee ture.

Barsiisaa Taliilaan maatii isaa waliin ayyaana xumuree hojii barsiisummaa isaaf deebi’uuf maatii isaa biraa ka’ee yeroo aanaa Daaboo Haannaa bakka 77 jedhamuu ga’uutti waraana murna sirna PPn qabame mana hidhaa aanichatti darbatame.

Mana hidhaa aanichaa keessa yeroo muraasa erga tursiifameen booda kaleessa gaafa Fulbaana 23 ,2022 mana hidhaa sanaa baasuun haala sukkanneessaan barsiisa abbaa dhalootaa ajjeesanii bakkeetti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Barsiisaa Taliilaan nama siyaasa kam irraayyuu bilisa kan ta’ee yoo ta’u badii qabaatee osoo hin taane Oromummaa yakkamee akka ajjeefame dabaluun addeessaniiru

Leave a Reply