• Tue. Nov 24th, 2026

Hidhaan Oromiyaa bakka maratti itti fufuun godina Lixa Harargee ona Doobbaa keessatti haadhaa fi daa’ima walitti hidhan

Sep 24, 2022

Hidhaan Oromiyaa bakka maratti itti fufuun godina Lixa Harargee ona Doobbaa keessatti haadhaa fi daa’ima walitti hidhan.

ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Murni bilxiginnaa dararaa ilmaan Oromoo irratti saalaa fi umrii osoo hin qoodin gocha diinummaa irratti raawwachaa jiru godina lixa Harargee ona Doobbaa keessattis dubartii Oromoo tokko daa’ima ishee waliin hidhuun barameera.

Torbee lamaan dura ona Doobbaa araddaa Misraa Cifraa irraa gara magaalaa Doobbaatti dhimmaaf osoo deemtuu dubartii Oromoo aadde Suudiyyaa Addisuu Baqqalaa jedhamtu haadha ilmaan lamaa bakka Biyyoo Karaabaatti poolisoota Oromiyaan qabamtee daa’ima ishee xiqqoo waliin hidhaa jirti.

Aadde Saadiyyaan badii tokko qabaattee osoo hin taane abbaa manaan kee dhalataa Wallaggaati jechuun Oromoo lagaan qoodanii yakkuun ishee fi daa’imni ishee hidhaa hin malleef saaxilamanii akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa addessaniiru.

Leave a Reply