• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo keessatti hidhaa jabeessan

Sep 26, 2022

Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo keessatti hidhaa jabeessan.

ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Ilaalcha moofaa Minilik qabatee kan socho’aa jiru murni bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin hogganamu ilmaan Oromoo hidhuu, ajjeesuu ,saamuu fi reebuun falmaa mirga abbaa biyyummaaf taasifamaa jiru irraa duubatti akka waan deebisutti kan yaadu waraana isaa naasuu tokko uummata Oromoof hin qabne itti bobbaasuun goleelee Oromiyaa cufa keessatti dararaa geggeessan jabeessanii jiru.

Haalummaa kanan godina Baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo keessatti ilmaan Oromoo hidhaa fi reebicha irraan ga’aa jiru.

Nama hojii dhuunfaa isaa hojjetu dargaggoo Eliyas Abataa jedhamu torbee kana keessa ati waraanaa bilisuumaaa Oromoo waliin hidhataa qabda jechuun qabanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ona Waamaa Hagaloo kana keessatti murni bilxiginnaa miidhaa uummata Oromoo irratti raawwatu hammeessee kan jiru yoo ta’u kanaan duras ilmaan Oromoo kanneen akka obbo Eebbaa Surraa jedhaman qabanii hidhuun dararaa akkan jiran gabaasnee turre.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading