Ilmaan Oromoo Mootummaa Naannoo Soomaalee irraa buqqaa’anii bulchiinsa magaalaa Galaan keessatti qubatan irratti doorsisni geessifamaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 28, 2022 Murni bilxiginnaa aangoo siyaasa impaayerattii ammatti of harkaa qabu ilmaan Oromoo sadarkaa kam irra, bakka, saalaa fi umrii kam irraayyuu jiran maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun doorsisee jireenya bir’annaa akka jiraatan taasisa.
Ilmaan Oromoo Mootummaa Naannoo Soomaalee keessaa poolisoota humnaa addaa naannichaan bara 2017 buqqaa’anii 2018ti qabee bulchiinsa magaalaa Galaan keessa qubsiifaman dheengadda Fulbaana 26, 2022 ganama irraa qabuun daballootni, milishoonni fi poolisootni humna addaa Oromiyaa waliin ta’u Waraana Bilisummaa Oromoo fiddanii of gidduu bulchaa jirtu waan ta’eef walitti isin rukunna jechuun uummaticha doorsisaa fi qeerroowwan isaanii reebaa turan.
Kana malees mana maallaqa Lammiin Lammiif jedhuun uummatni buusee buqqaattota kanaaf ijaare waraqaa ragaa waan itti hin qabneef isin buqqisnee daandii gubbaatti isin facaasuu dandeenya, manni kun kan mootummaati malee kan dhuunfaa keessanii miti jechuun itti dhaadachaa turu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himuun galgala mana isaanii keessaa ba’anii bakka biroo dhaquu akka hin dandeenyee fi naannoon isaanii akka baay’ee eegamu dabaluun ibsaniiru.
Daballootni murna bilxiginnaa waraanaa fi milishaa waliin ta’uun dararaa geggeessaa jiran kun ilmaan finxaaleyyii waliin nyaatanii yeroo dhiichisan, saba isaanii rakkoo isaan mudateef achi qubatan ammoo ganamaa fi galgala itti deddeebi’uun waan isaan keessaa hin qabneen dararaa jiraachuun jiraattootni kun ibsatanii jiru.
