Godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa keessattii hidhaan waraana bilxiginnaan uummata Oromoo irratti jabaatee jira.
ONM-ABO Fulbaana 28, 2022 Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti sirni bilxiginnaa uummata Oromoo sababoota adda addaa itti funaanuun akkuma hidhaa jiru onota godina Bunnoo Beddellee keessattis maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun kaabinoonni fi milishoonni sirnicha uummata jumlaan hidhaa jiru
Sirni bilxiginnaa maqaa uummata Oromoo da’oo godhachuun dhiiga qeerroo fi qarree Oromoon bu’aa siyaasaa dhufu butuun gara aangootti dhufe saalfii tokko malee gariin ajjeessaa gariin ammoo hidhaan dararaa jira
Ona Daaboo Haannaa keessattis Kaabinoonni sirnichaa duraan maqaa OPDO jedhuun uummata fixaa turan maqaa jijjiirrachuun yeroo ammaa sirna bilxiginnaa jalatti of ijaaruun lammiilee nagaa irratti hidhanii hidhaadhaas baasanii ajjeesu.
Onicha keessatti lukkeelee sirna bilxiginnaa uummata Oromoo irratti miidhaa hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa raawwaachiisaa jiran jiran maqaan isaanii Geetachoo Guddinaa, Nigaatuu Oljirraa, Addisuu Yooseef, Lammaa Guddataa, Girmaa Kaasahuun kanneen jedhaman ta’uu maddeen keenya aanichaa Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
