• Tue. Oct 6th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufuun godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti nama tokko ajjeesan

Sep 29, 2022

Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufuun godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti nama tokko ajjeesan.

ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Dacheen Oromiyaa alagaaf bakka bashannanaa fi jireenya qananii yeroo taatu, ilmaan isheef garuu lafa rakkinaa ta’uun bakka itti lubbuun ilmaan ishee itti ajjeefamu bakka qalma horii taateetti.

Murni bilxiginnaa erga aangoo siyaasa impaayerattii dhuunfaate haadhaa fi maatii Oromoo boossisuu itti fufuun Fulbaana 26,2022 galgala godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee naannoo Kuyyeeraatti ilma Oromoo maqaan isaa Kamaal Goobanaa Badhaasoo jedhamu ajjeesanii daandii gubbaatti gatan.

Obbo Kamaal Goobanaa dhalootaan godinuma Arsii Lixaa aanaa Qoree yoo ta’u badii tokko malee waraanni faashistii PP halkan ajjeesanii darban.

Reeffi Kamaal dheengadda Fulbaana 27, 2022 ganama argamuun hawaasa naannoon kaafamee awwaalamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading