• Wed. Mar 18th, 2026

Godina adda naannawaa Finfinnee Bulchiinsa magaala Buraayyuu keessatti ilmaan Oromoo tika murna bilxiginnaan ukkaamfamani achii buutee dhabamsiifama jiru

Oct 7, 2022

Godina adda naannawaa Finfinnee Bulchiinsa magaala Buraayyuu keessatti ilmaan Oromoo tika murna bilxiginnaan ukkaamfamani achii buutee dhabamsiifama jiru.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Ilmaan Oromoo magaala Finfinnee fi bulchiisaa magaala Buraayyuu keessatti guyya guyyaan tika waraana ppn ukkaamfamun achi buutee dhabamsiifama jiru.
Onkoloolessaa 5, 2022 godina addaa naannawa Finfinnee bulchiinsa magaala Buraayyuu keessa Qarree Ayyaantuu Abarraa jedhamtu bakka isheen jiraattu Magaala Buraayyuu irra halkan qabuun dhabamsiisan.
Akka jiraattoonni naanniicha jedhanitti namni eenyuumman isa hin baramin kan biroonis Ayyaantuu wajjin jiraachuu himuun reebicha fi doorsisa irraan gahaa fuudhani deeman jedhani jiru.

Ayyaantuu Abarraa baatii afur dura mana hidhaatii mirga wabii qarshii 30000n gadhiifamu jiraattoonni dabaluun ibsaniru.
Ayyaantuu Abarraa fi nama eenyuumman isaa hin beekamin kana hanga gabaasni Kun qindaa’etti bakki isaan geessan waldhaalamuu firoottaani fi hiriyyoonni ishee Arraata Biyyoolessa Oromiyaattii himaniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading