Lixa Shaggar ona Abuuna Gindabarat keessatti kaabinnoonni onichaa Impaayera Itoophiyaa baraaruuf ilmaan Oromoo adda waraanitti ergaa jiraachuun saaxilame.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Kaabinnoonni sirna bilxiginnaa kan aantummaa Ummata Oromoo hin qabne fedhii fi aantummaa habashota mirkaneessuf ilmaan Oromoo waggaa 14 gadii dabalatee dargaggoota mallaqan sossobani leenjii waraanummaaf ergaa jirra jechuun dabballootni onichaa tokko dubbateera.
Akka odeessii bahe kun jedhutti torban kana daa’immaan dabalatee ilmaan hiyyeessotaa mallaqaa isaan argachuu hin dandeenyeen aossobuun bobbaasa jiru
Mallaqa ittiin ilmaan hiyyeessoota sossoban kana ofiifuu argachaa akka hin jirre kan himu kaabinen kun aangoo nama tiksuuf lubbuu daa’imman kana obbaasutti gadduun odeesicha Saaxilera.
