• Mon. Mar 16th, 2026

Baha Shaggaritti mootummaan gabroonfataa PPn mana Uummataa meeshaa gurguddaa itti dhukaasuun gube

Oct 8, 2022

Baha Shaggaritti mootummaan gabroonfataa PPn mana Uummataa meeshaa gurguddaa itti dhukaasuun gube.

ONM- ABO Onkololeessa 8, 2022 Lolaaf bobbaafamanii bakka lolaa ga’uuf onneen kan itti hanqate Waraanni murna bilxiginnaa uummata meesha maleeyyii irraa mana gubuufi qabeenyaa saamuu cimsee itti fufuun baha Shaggar Aanaa Bosatitti meeshaalee gurguddaa kanneen akka ZU-23 fi taankii fayyadamuun manneen jiraattotaa barbadeesse.

Onkoloolessa 5, 2022 baha Shaggar Aanaa Boosat ganda Haaraa keessatti WBOtu isin keessa qubatee jira, ni nyaachistu, hariiroo guddoo waliin qabdu sababa jedhuun manneen uummataa 30 ol fageenya irraa meeshaa lolaa gurguddaa itti furgaasuun qabeenyaa keessa juru waliin gubaniiru.

Lolaan WBO jala dhaabbachuu kan dadhabe loltuun PP, humni as jiru humna keenyaan oli, lafa kana keessaa baasuus hin dandeenyu jechuun gara qaama oliitti gabaafachuufi kallattii lolaa jijjiiruun mandara keessa deebi’anii uummata mankaraarsaa jiraachuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading