• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiiti waraanni bilxiginnaa Qeerroo tokko ajjeessuun jiraattoota irraatti reebichaa hammeessan.

Oct 12, 2022

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiiti waraanni bilxiginnaa Qeerroo tokko ajjeessuun jiraattoota irraatti reebichaa hammeessan.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Gareen maafiyaa impaayera Itoophiyaa waraana isa Ummatatti bobbaasun Oromiyaa bakkoota garaagaraatti lubbuu ilmaan Oromoo rasaasan obbaasaa jiru.
Akka kanan gareen ilmaan Oromoo ajjeessuu,hidhuu fi qe’eerraa buqqisuf wal qindeesse hojjecha jiru murni bilxiginnaa godina Qellem Wallagga aanaa Gidaamii ganda Qunbaabii Shaappiitti guyyaa kalessaa onkololeessaa 11, 2022 Qeerroo maqaan isaa Isayyaas Baqqalaa nama jedhamuu daandii irraatti rasaasan rukkuutani ajjeessaani jiru.
Qeerroon Isayyaas Baqqalaa jedhamuu kun yeroo barnootaatti barnoota isa barachuu fi maatii isa deggeruu malee qooda fudhanna siyaasa kamiyyuu akka hin qabne himuun,yakka tokko malee sababa Oromummaa isa qofaf akka ajjeeffame jiraattotni onaa Gidaamii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.
Guyyaa dheengadda onkololeessa 10,2022 onumaa Gidaamii ganda Alchawwaa Jiillootti dargaggoo Tesisaa Dureessaa jedhamu akka ajjeessaan gabaasun keenyaa ni yaadatama.

Leave a Reply