Lixa Shaggar magaala Amboo keessaati barii guyyaa masqalaa shamarree tokko tikoota mootummaatiin ukkamfamtee hanga ammaa achii buutee dhabamuun dhagahaame.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Ilmaan Oromoo hidhuuf ajjeessuu tarsiimoo qabsoo isaa kan godhatan mootoliin dhufaa darbaa impayera Itoophiyaa,sababa tokkoo malee Oromummaan yakkuun ilmaan Oromoo bakka argeetti akka bineensaa adamsee ajjeessuuf hidhuu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan Lixa Shaggar magaalaa Amboo keessaatti fulbaana 27, 2022 Ayyaana Masqalaa ganama Shamarree Oromoo Gaaddisee Dhaabasaa jedhamtu Kan baadiyaa Aanaa Amboorraa Ayyaana kabajuuf gara fira ishee dhufte mi’a bitachuu gad baanaan daandii irratti konkoolaataa biratti dhaabuun waraanni bilxiginnaa buutanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himan.
Akka maddeen jedhaniitti shamarree Gaaddisee Dhaabasaa hanga Amma ergaa gaafa butamteetii bakkii geessan Kan hin beekamiin jiraachuu himuun ,maatiin barbaadaaf mana hidhaa magaalichaatiif bakkoota adda addaas barbaadanii dhabuu dabaluun ibsani jiru.
