• Thu. Nov 26th, 2026

Walgahii Bakka bu’oota Ummata fi Manaa Maree Federeshinii Itoophiyaa irratti Dursaan impaayeratti Abiy Ahmad barattotni gara dirree waraana akka deeman gaafate

Oct 12, 2022

Walgahii Bakka bu’oota Ummata fi Manaa Maree Federeshinii Itoophiyaa irratti Dursaan impaayeratti Abiy Ahmad barattotni gara dirree waraana akka deeman gaafate.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Onkoloolessaa 11, 2022 walgahii Bakka bu’oota Ummata fi Manaa Maree Federeshinii Itoophiyaa waliin marii kan taasisee mataan nafxanyoota Abiy Ahmed barattootni Osoo Yunivarsitii hin seenin gara dirree waraana deemuun biyya isaanii tajaajilu qabu jechuun dubbate.
Ittuma fufuun Abiy Ahmad barattootni yoo hojii waraanan biyya isaani hin tajaajilin nutis miindeessu hin dandeenyu kanaaf akka kanaan duraa Impaayerattiif duulaa jenne hin dirqisiifnu jechuun dargaggoo akka dirqiin ukkaamsun adda waraanatti ergaa turan saalfi tokko male dubbateera.
Abiy Ahmed fedhii nafxanyoota eeguu qofaaf lola keessa bahuu hin dandeenyetti lammiile biyyattii waamun qoraan abiddaaf qopheessaa ture ammas barattoota irratti duula eegale waan jiruuf maatiin barattoota ilmaan keessan akka hordofattaan isin akeekkafna.

Leave a Reply