Irree fi wabiin Uummata Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galaa Lixa Shaggar Aanaa Jalduu fi Ambootti diina adabee jira.
ONM-ABO Onkoloolessa 16,2022 Onkoloolessa 15,2022 Aanaa Amboo magaalaa Meexxiitii humna guddaan kan yaa’an weerartoonni sirna nafxanyaa ganda Gorfofaatti cibraan Jaagamaa Badhaanee rasaasaan akaawuun 7 madoo damdammii hin qabneen 3 du’aan adabuun gara magaala Ambootti ari’ee galcheera.
Lola Aanaa Jalduutti sa’a booda gaggeeffamee ture. Faashistoonni sirna impaayeraa tiksuuf magaalaa aanaa Jalduu kan taate Goojjootii ba’uun fageenya dheera osoo hin deemin ganda magaalaa daangessitee argamtu bakka addaa Goodaa Raachaa jedhamutti cibraa Maammoo Mazammiriin abidda keessa bahuu hin dandeenye seente.
Lola kanaan faashistoota 6 battala sanatti biyyoo yoo nyaachisu 11 madoo damdammii hin qabneen adabeera.
Humni goolessituu kun madoo fi reenfa isheellee kaafachuu dadhabuun hanga galgalaatti kan eegan yoo ta’u humni reebduu kallattii garagaraan magaalaa Goojjootti deema turanis haxxee nutti hidhamee jira jechuun sodaatanii duubatti deebi’anii turan.
Halkan guutuu magaala nutti cabsuuf jechuun dhukaasaan uummatas goolaas turaniiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!
