• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Lixaa ona Shaallaa keessatti sababa hongeen oomishni qonnaan bultoota miidhamuun dhagaa’ame

Oct 18, 2022

Godina Arsii Lixaa ona Shaallaa keessatti sababa hongeen oomishni qonnaan bultoota miidhamuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2022 Gammoojjummaa akka malee babal’achaa deemaa jiruun hongeen oomisha midhaanii fi mi’eessituu ooyiruu irratti balleessaa jira.

Akka kanaanis godina Arsii Lixaa ona Shaallaa gandoota akka Daayaa Baqqalaa, Awwaara Gamaa, Haalee, Arjoo fi kanneen biroo keessatti oomishni qullubbii diimaa hektaara hedduutti lakkaa’amu hongee dandamachuu dadhabuun gubateera.

Oomishni qullubbii diimaa ona Shaallaa keessatti baay’inaan oomishamee gabaaf dhiyaachuun qonnaan bultootni gatii gariitti gurguraatanii ittiin jiraachaa kan turan yoo ta’u amma garuu gatii sanyii, xaa’oo fi humna namaaf baasan waliin faayidaa tokko malee ooyiruu irratti badee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Qonnaan bultootni naannichaas rakkoo mudate kana waajjira qonnaa murna bilxiginnaaf gabaasanii hirpha gaafatanis murni ilmaan akka diinagdee laamsha’an gochuu barbaadu qonnaan bultoota kanneeniif birmaannaa yookiin deebii waaraa kenneef akka hin qabne dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply