• Wed. Nov 25th, 2026

Dhaabbanni Geejjiba Gadaa tajaajila geejjibaa waraana bilxiginnaaf kennaa jiraachuun barame

Oct 19, 2022

Dhaabbanni Geejjiba Gadaa tajaajila geejjibaa waraana bilxiginnaaf kennaa jiraachuun barame.

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022
Konkolaattootni fe’iinsaa Geejjiba Gadaa dhaabbata itti gaafatamummaan isaa murtaa’e erga Sadaasa bara 2017 ifatti gadi ba’e tajaajila hawaasaaf barbaachisu kennuu irra meeshaalee fi qabeenyota murna bilxiginnaa deddeebisuu irratti xiyyeeffatee jira.

Konkolaattootni gurguddaan fe’iinsaa Geejjiba Gadaa kun meeshaalee waraanaa fi qallaba bakka waraanni geggeeffamutti geessuun murna bilxiginnaaf tumsa gochaa jiru.

Kaaba impaayeerattii naannoo Tigraay, Oromiyaa Lixaa, Gidduugalaa fi kibba keessatti humnoota waraanaan dabalamuun wantoota waraana bilxiginnaaf barbaachisan fe’anii geessaafii jiru.

Konkolaattoota qaxxaamura lafaa yookiin Atoobisoota 20 fi konkolaattota fe’umsaa 30 impaayerattii keessa galchuun haala mijeessummaa OPDO Oromiyaa yeroo sanaan kan bu’ureeffamee fi maqaa industirii geejjibaa kaasnaan kan qindaa’e dhaabbanni kun yeroo ammaa abbaa isa dhalche murna impaayerattii bulchaa jiru aangoo irra tursuuf leeccalloowwan lolaa fi loltootaaf taajajilan fe’atee deggersa wal irraa hin cinnee taasisaa jira.

Gocha badii isaa kanatti kan aaraan namootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko akka jedhanitti dhaabbanni PLC’n hundeeffame kun akkuma karoora baafatetti uummataaf tajaajila kennuu qaba malee, murna bilxiginnaa uummata isaa lolaa jirutti meeshaalee waraanaa, loltootaa fi soorata waraanaa fe’uun gaafatamummaa seenaa jalaa nama hin baasu jechuun dubbataniiru.

Leave a Reply