• Wed. Nov 25th, 2026

Barreessaan Muummee Mootummoota Gamtoomanii obbo Antooniyoo Gutaarez rakkoon nageenya Itoophiyaa akka furamuuf Gamtaa Afrikaa deggeruuf qophii akka ta’an beeksisan

Oct 21, 2022

Barreessaan Muummee Mootummoota Gamtoomanii obbo Antooniyoo Gutaarez rakkoon nageenya Itoophiyaa akka furamuuf Gamtaa Afrikaa deggeruuf qophii akka ta’an beeksisan.

Lola impaayeera Itoophiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa irra ga’aa jirutti nagaan kan dhabe Mootummootni Gamtooman, karaa barreessaa isaanii Antooniyoo Gutaarez rakkoo nageenyaa impaayeera Itoophiyaa furuuf Gamtaa Afrikaa tumsuuf qophii ta’uu beeksisanii jiru.

Akka fuula Facebook dhaabbatichaa irratti kaleessa Onkoloolessa 20, 2022 maxxanetti Mootummaan Gamtooman lola lammiilee hedduu Tigraay keessatti gaaga’aa jiruuf mariin furmaata waaraa fidu hatattamaan eegaluu akka barbaadan barreeffamni dhaabbatichaa ni addeessa.
Itti dabaluunis hawaasni idil addunyaa nageenyaa impaayeera Itoophiyaa deebisuuf wal faana hiriiruun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Gamtaa Afrikaa garuu rakkoo bobaa isaa waajjira muummee isaa Finfinnee jalatti uumamaa jiruuf ibsa baasuu malee dhiibbaa geessise hin qabu.

Murni bilxiginnaa gama isaatiin karaa gorsaa dhimma nageenyaa mummicha ministeeraa Ambaasaaddar Riiduwaan Huseen akka fuula tiwiitterii irratti ibsanitti maree TPLF waliin Afrikaa kibbaatti Onkoloolessa 24, 2022 geggeeffamu irratti akka hirmaatan ibsaniiru.

Murtoon kunis dhiibbaa biyyootni dhiyaa irraan ga’aa jiranii fi tarkaanfiilee waamicha nagaa booda dhufu baqachuun akka ta’e keessa beektotni ni dubbatu.

Torbee kana keessa mootummaa Gamtoome, dhaabbileen mirga namoomaa fi kanneen biroo dhimma Tigraay bu’uura godhachuun watwaachaa kan jiran yoo ta’u haleellaa xiyyaara waraanaa fi waraana lafoo murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti geggeessaa jiruuf qaamni dubbachaa jiru akka hin jirre xinxaltootni siyaasaa kaasuun rakkoon impaayerattii osoo dhimmi Oromoo hin furamin fala argatu akka hin jirre ibsaniiru.

Leave a Reply