• Thu. Nov 26th, 2026

Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti ilmaan keessan leenjii waraanummaaf ergaa jechuun uummata doorsisaa jiraachuun dhagaa’ame

Oct 22, 2022

Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti ilmaan keessan leenjii waraanummaaf ergaa jechuun uummata doorsisaa jiraachuun dhagaa’ame.


ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2022
Murni bilxiginnaa ilmaan sabichaa lola lammiilee isaa lolutti bobbaasee ajjeesisaa jiru gocha badii lubbuu ilmaan namootaan taphachuu itti fufuun kaleessa Onkoloolessa 21, 2022 ganama keessaa sa’a 2:00 irraa eegalaanii qaamooleen faashisticha Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf hojjechaa jiran mana namootaa irra deemuun ilmaan keessan leenjii waraanummaaf ergaa jechuun doorsisaa oolan. Ergamtootni murna bilxiginnaa dabballootaa fi milishoonni waliin ta’uun bulchiinsa magaalaa Adamaa keessatti mana namootaa irra deemanii dirqaamaan ilmaan keessaan kennaa jechuun namoota doorsisaa kan turan yoo ta’u magaalicha keessa humnootni bilxiginnaa ganda 09 naannoo hoteela Kaanoon jedhamutti uummata doorsisaan dararaa turan. Sababa manaa mana irra deemuun doorsisaa fi humnaan qabanii leenjii waraanummaatti erguun eegaleef dargaggootni mana galuu baqachuun magaalaa magaalaatti darbanii dheesssa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Adaamaa beeksisanii jiru.

Leave a Reply