Riqicha sakatta’insa Awwaash irratti murni bilxiginnaa waraana isa kallatti lamaan guuraa jiraachutu himame.
ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2022
Murni bulchiinsa abbaa irree kolonel Abiy Ahimed waraana isa maqaa waraana bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun kutaale oromiyaa keessaatti bobbaasee namoota nagaa ajjeessaa, qe’ee irraa buqqisaa fi hidhaa ture itti fufuun riqicha sakata’insa Awwaash irratti waraana isaa hedduuminaan qubsisaa jira. Haalumaa kanaan Onkoloolessa 21, 2022 riqicha sakatta’iinsa Awwaash kan godinaalee Harargee lamanii fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa giddu galeessaa Oromiyaa waliin wal qunnaamsiisu irratti waraanni murna bilxiginnaa kallattii Machaaraa , Galamsoo fi Baddeessaatiin gara Hancaar fi Gubbaa Qorichaatiin WBO Harargee keessatti duuluufis karoorfatanii akka jiran himame. Akkasumas kallatti Bordoddeetiin Saaroo, Saamaa fi Gololcha qubsisaa jiru. Sabaabni murni shororkeessaan bilxiginnaa kallatti kanatti waraana isaa fe’aa jiruuf Waraanni Bilisummaa Oromoo kallattii Awaash irraan gara Harargee seenuun humna achi jirutti dabalamuuf jechuun kabinoonni fi waraanni bilxiginnaa sodaa keessaa seenuun waraana qubsisuun akkasumas ummaata nagaa daraaruu eegaluu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
