Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongooroo keessatti finxaaleeyyonni Amaaraa murna bilxiginnaan tumsaman uummata nagaa buqqisaa fi saamaa jiru.
ONM-ABO onko 25, 2022
Finxaaleeyyoonni Amaaraa fi murni bilxiginnaa wal ta’uun baroota kana keessa qofa aanoota Horroo Guduruu Wallaggaa tokko tokko keessaa lubbuu namoota dhibbootaan lakkaa’aman kan galaafatanii fi namoota kuma hedduutti lakkaa’amanis qabeenyaa isaanii saamuun qe’ee irra buqqisanii jiru. Buqqaati fi saamichaa isaanii kana itti fufuun guyyaa dheengadaa jechuun Onkololeessa 22, 2022 finxaaleeyyoonni Amaaraa fi murni bilxiginnaa wal ta’uun akkuma torbanoota darban ganda Hoomaa Gaalessaa keessaa namoota hedduu ajjeesanii fi qe’ee irra buqqisan ammas fuula isaanii gara ganda Caruu jedhamutti garaagalfachuun namoota tokko tokko qabanii akka jiranii fi gandatti seenanii ajjeechaa fi buqqaatii raawwachuuf qophaa’aa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. Hawaasni gandichaa sodaa finxaaleeyyoota Amaaraaf jecha wan qaban dhiisanii gara magaalaa aanichaatti baqachaa akka jiran maddeen dabaluun kan ibsan yoo ta’u uummanni gandichaa sodaa guddaa keessa akka jiranii fi qaama itti iyyannus nu dhaga’uus dhabnee rakkachaa jirra jechuun hadhaa jireenyaa isaan mudatee jiru ibsaniiru.
