• Tue. Mar 17th, 2026

Godina baha wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaa xiyyaara murni bilxiginnaa geggeessen namoonni hedduun du’uu Fi madaa’un akkasumas qabeenyi ummaata barbaada’e

Oct 26, 2022

Godina baha wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaa xiyyaara murni bilxiginnaa geggeessen namoonni hedduun du’uu Fi madaa’un akkasumas qabeenyi ummaata barbaada’e.

ONM-ABO onko 26, 2022
Mootummaan abbaa irree Abiy Ahimed fedhii dheebuu aangoo irra qabuuf jecha hawaasa nagaa qotatee callaa hin galfanne fi nyaate hin quufne irratti ibiiddaa harcaasuun lubbuu namoota nagaa galafachu Fi qabeenya ummaata mancaasun jiraattotati yaddoo umee Jira. Akka kanaanis lixa Oromiyaa godina baha wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa keessatt haleellaa xiyyaara nama maleeyyii(Drone) fayyadameen lubbuu namoota nagaa 3 ajjeesuun namoota 21 yoo maddeessuu qabeenya namoota shaniis barbaadesse jiraachu jiraattotni himan. Aanuma sana magaalaa Birqaas keessatti nama tokko ajjeesuun namoota 15 ammoo kan madeessanii yoo ta’u , magalaa Adareetti ammoo barataa tokko ajjeesuun namoota 5 yoo madeessan ,horiin namoota hedduus haleellaa kanan dhume jira.Akkasumas magaalaa Ancabbii keessattis namni tokko yoo madaa’u horiin namoota 5 gubatanii jiru. Waluma galatti horiin namoota nagaa 50 ol akka dhuman jiraatootni dubbachuun akkuma “Weennin gogaasaf ajjeefama jedhan “,nutis badii qabannee osoo hin taane sabaaba Oromummaa keenyaf dhuma jirra jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading