• Tue. May 7th, 2024

Haleellaa xiyyaara waraanaa murni Bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo keessatti raawwateen manneen namootaa fi qabeenyi barbadaa’e

Oct 31, 2022

Haleellaa xiyyaara waraanaa murni Bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo keessatti raawwateen manneen namootaa fi qabeenyi barbadaa’e.

ONM-ABO onkololessa 31, 2022 Murni kufaatiif qarqara irra jiru bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa diroonii fi xiyyaara lolaa biroo kaaba impaayerittii naannoo Tigraay irratti fudhachaa ture Oromiyaa keessatti bifa adda ta’een dhiyeenya kanaa kaasee fayyadamaa jiruun lubbuun darbaa fi qabeenyi barbadaa’aa jira.

Murni nama nyaataan bilxiginnaa kun haleellaa xiyyaara waraanaa dheengadda Onkololeessa 29, 2022 godina Baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo keessatti fudhateen qabeenyii fi manneen namootaa barbadaa’anii jiru. Haleellaa marsaa sadii boombii samii gadi xiyyaara waraanaa fayyadamuun darbatamee dho’een manni obbo Lataa Ittanaa, obbo Darajjee Baqqalaa fi Shifarraa Waggaarii, manni kuusaa isaanii midhaan keeshaa 400 waliin gubatee jira. Kana malees waajjirri bulchiinsa magaalaa Qassoos haleellaa kanaan kan manca’e yeroo ta’u, walumaagalatti qabeenyi qarshii 5,000,000 olii barbadaa’uun kasaaraan namoota irra qaqqabuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa ona Waamaa Hagaloo gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading