• Mon. May 6th, 2024

Magaalaan Mandii Guutuutti to’annoo WBO jala galtee jirti

Oct 31, 2022

Magaalaan Mandii Guutuutti to’annoo WBO jala galtee jirti.

ONM-ABO Onkololeessa 31, 2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn haleellaa laalessaa fudhachuun waraana bilxiginnaa onoota keessaa buqqisuu itti fufuun aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessaa gugsee baasee jira.

Haleellaa ganama kana mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Mandii keessatti argamu irratti WBOn geggeesseen du’aa fi madoo baay’een adabuun magaalattii keessaa buqqiseera.

Kana malees meeshaalee waraanaa hedduu booji’uun hidhamtoota siyaasaa 100 ol ta’an buufata poolisii keessaa baasisee bilisaan gadhiisee jira.

Injifannoo kanatti kan gammade uummatni magaalaa Mandii daandii gubbaatti ba’uun dhiichisaa fi harcaatota bilxiginnaa lafa isaan dhokatanii qabanii meeshaa isaanii waliin WBOtti kennaa jiru.

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading