• Mon. May 4th, 2026

Barattootni godina Booranaa aanaa Dirree sababa barataa tokko hojjetan mootummaa cuupheen waraaneef hiriira mormii ba’an

Nov 5, 2022

Barattootni godina Booranaa aanaa Dirree sababa barataa tokko hojjetan mootummaa cuupheen waraaneef hiriira mormii ba’an.

ONM-ABO Sadaasa 5,2022 Godina Booranaa Aanaa Dirree Magaala Meeggaatti dheengadda Sadaasa 4,2022 hojjataa Waajjira Barnoota kan ta’e, namni maqaan isaa Gammachuu Daggafaa jedhamuu mana barumsa sadarkaa 2ffaa Meeggaatti barataa maqaan isaa Amuu Saamu’el jedhamu cuupheen waraanee miidhaa irraan ga’ee jira. Kanuma sababeefachuun barattootni mana barumsichaa kaleessa Sadaasa 4,2022 hiriira mormii ba’uun gocha sana balaaleffataniiru. Hiriira mormii barattootni mana barumsa sadarkaa 2ffaa Meeggaa taasisan kana poolisootni magaalichaa qawwee irratti dhukaasuun yeroo addaan tamsaasanitti namuma nagaa jaarsa maqaan isaa Malichaa Jiloo jedhamuu qawween harka gubbaa rukuchuun madeessan. Barataa Amuu Saamu’el kalee waraanamuun waan miidhameef hanga gabaasni kun qindaa’etti hospitaalatti yaalamaa jira. Hojjettootni murna bilxiginnaa waliin harka wal keessa naqatanii hojjetan kun dhimma isaan hin ilaalanne keessa seenuun namoota nagaa irratti tarkaanfii yeroo fudhatan mul’atu.

Hojjetaan waajjira barnootaa Gammachuu Daggafaa jedhamu kunis rakkoo maatii kan jaarsoliin mana barumsaatti argamuun furaa jiran dhiisee barataa nagaa irratti tarkaanfii dhuunfaa isaa fudhachuun seerdhablummaan dagaagee jiraachuu kan agarsiisuudha kan jedhan barattootni magaalaa Meeggaa, gocha kanas ta’e sirna gocha kana dhalche bilxiginnaa ni balaaleffanna jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading