Godina Bahaa Shaggar Magaalaa Baatuu keessatti murni bilxiginnaa uummataa nagaa maallaqa degggersa raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa jechuun dararri hammeessanii jiru.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Murni bilxiginnaa kufaatiif qarree irra jiru ilmaan Oromoo dachee isaanii irratti akka hojjetanii hin jiraanneef goleelee Oromiyaa cufa keessatti hidhaan rakkisaa fi warreen kaan irraa ammoo maqaa deggersaan maallaqa saamaa oola. Daballoonni murna bilxiginnaa uummata Oromoo diinagdeen dadhabsiisuuf tooftaalee hedduutti gargaaramuun milishoota fi poolisota uummata nagaa irratti bobbaasuun uummata reebaa fi arrabsaa saamicha irratti geggeessu. Baha Shaggar Bulchiinsa magaalaa Baatuu keessatti ilmaan hiyyeessotaa ofiifuu jiraachuun itti ulfaachuun hojii humnaa hojjetanii fi daandii irraa dalagan dabalatee namoota cufa irraa dirqiin qarshii 500- 1000 irraa guuraa jiru.
Saamichi maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa jedhuun hammaatee jirutti kan gaddan jiraattootni lola olaantummaa Abiy Ahimed eegsisuuf taasifameef maallaqaa fi lubbuu ijoollee keenyaa kan dhabe nuhi jechuun murni bilxiginnaa barcuma siyaasa isaaf jechaa ilmaan Oromootti taphachaa akka jiru dabaaluun ibsaniiru.
