• Tue. Nov 24th, 2026

Dr. Kabajaa, Aartist Alii Birraa du’aan addunyaa kana irraa boqotan

Nov 7, 2022

Dr. Kabajaa, Aartist Alii Birraa du’aan addunyaa kana irraa boqotan.

ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Mootiin Aartii Oromoo Doktarri Kabajaa Aartist Alii Birraa bara afaan Oromootiin sirbuu mitii ittiin dubbachuunuu yakka ture keessatti Afaan Oromootiin sirbuun ergaawwan gurguddoo dhalootaaf nama dhaamaa turedha. Dhaloonni sirnaa fi duudhaa ganamaa akka jabeeffatuuf, “Karaan mana Abbaa Gadaa eessa, Dhaqeen galma isaa jajjabeessaa, …Taa’een seenaa isaa babarreessaa…” jechuun dhaloonni waan ofii akka jabeeffatuuf nama shoora ol aanaa taphateedha. Barnoonni jireenya dhala namaaf bu’uura ta’uu fi sirni nama nyaataan impaayerichaa, Oromoon akka hin baranneef daandii barnootaa itti cufaa turuus hubachuun, “Barnootaa, barnootaa ammas barnootaa, kana ta’uu qaba Kaayyoon Oromootaa” jechuu ergaa dhama qabdu dabarfateera. Guddina Aartii Oromoo keessatti Dr. kabajaa Aartist Alii Mohaammed Birraa ga’ee leencaa ba’ataniiru. Tarsiimoo Oromoo eenyummaa isaa gachisiisuuf ba’u cabsanii darbuun warreen dhalootni har’aa of danda’anii akka dhaabbatan taasisan keessaa Dr. Alii Birraan nama tokkoo fi isa angafaati. Hojii Aartii Afaan Oromootiin hojjechuu irra darbee Afaanota hedduun hojjechuun nama dinqisiifataman turani. Dr. Alii Birraan weellisaa qofa osoo hin taane falmaa mirga dhala namaati. Gama barnootaa akkasumallee Siyaas-dinagdeen Sabni isaa of danda’ee akka dhaabbatuuf hojjetaas turaniiru.
Walleen isaan hanga lubbuun jiranitti hojjetaa turan, Oromoo barsiisuufi dadammaqsuu keessatti ga’ee guddaa taphateera. Dr. Aartist Alii Birraa dhukkubsachuun Hospitaala walii galaa Adaamaatti yaalamaa turus Sadaasa 06, 2022 du’aan Addunyaa kana irraa boqotaniiru. Gadda guddaa nutti dhaga’ame ibsaa, Maatii isaanii fi Oromoo bal’aaf jajjabina hawwina.

Leave a Reply