Godina Jimmaa Aanaa Goommaa keessatti dirqiin miseensa keenya ta’a jechuun namoota siyaasa keessaa hin qabne rakkisaa jiru.
ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Murni afaan qawween fedhii hawaasaa malee aangoo irra jiru bilxiginnaan ilmaan Oromoo jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan humnaan miseensa dhaaba kiyyaa taatan malee jechuun doorsisaa jira. Gocha fokkisaa fedhii uummataa malee humnaan miseensa horachuu kana kan raawwataa jiru godina Jimmaa aanaa Goommaa keessatti yeroo ta’u, aanicha keessatti jiraattota cufaan suuraa lama lama fidaa jechuun miseensummmaa dirqiin guuchisiisaa jiru.
Aanaa Goommaa keessatti namoonni waraqaa miseensummaa hin qabne tajaajila hawaasummaa kan hin arganne ta’uu kan himan jiraattootni dabballoota sirna bilxiginnaan dararaa hamaan irra ga’aa jiraachuu dubbataniiru. Murni faashistii Abiy Ahimed jibbiinsa ilmaan Oromoo bakkayyuu irratti agarsiisaa jiran argaa akka nama hin argineetti lammiilee humnaan miseensummaa guuchisaa dhaabni isaanii Afrikaa keessaa deggertoota olaanaa qabaachuun beekama jedhanii yeroo ololaan uummata impaayerattii fi addunyaa soban ni dhagaa’amu.
