• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Shaggar ona Gindabarat keessatti hidhaa fi dararrin uummata nagaa irratti hidhattoota mootummaan hammaate jira

Nov 7, 2022

Lixa Shaggar ona Gindabarat keessatti hidhaa fi dararrin uummata nagaa irratti hidhattoota mootummaan hammaate jira.

ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Golee Oromiyaa cufa keessatti kaabinoonni fi waraanni murna abbaa irree uummata nagaatti bobbaaseen namoonni hedduun ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu fi qe’ee irra buqqaa’aa jiraachuun uummanni yaaddoo hamtuu keessa galee jira. Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Gindabarat ganda Gabaa Gammadaa ykn Culluxxee jedhamu keessatti waraanni naamusa hin qabne kan murna abbaa irreen bobbaafaman namoota nagaa hojii isaanii malee waan isaan hin qabne itti maxxansuun ilmaan keessan miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti, akkasumas WBO nyaachisaa jirtuu jechuun gaafa Sadaasa 4,2022 namoota hedduu reebicha hamaa irraan ga’uun hidhanii jiru. Obbo Lataa Qaqqabaa fi obbo Yaaddeessaa Ajjamaa Kannen jedhaman akkasumas namoonni hedduun kan maqaan nu hin ga’in sababa tokko malee mana hidhaatti darbatamuun waajjira poolisii magaalaa Kaachisiiti dararamaa jiru. Guyyaa dheengadda jechuun gaafa sadaasa 5, 2022 haadha manaa obbo Lataa Qaqqabaa aaddee Birree Hammasaa yeroo qabuuf jedhanitti manaa baqachuun bakkeetti baqatanii jiru. Waraanni maafi’aa kun meeshaalee mana keessaa caccabsuun wantoota akka maallaqa kan dhuunfatan yoo ta’u ijoollee xixxiqqoon maatii jalaa hidhamanii jiran kun manatti hafuun rakkoo hamtuu keessa jiraachuu maddeen ibsaniiru. Kana malees obboleessa obbo Lataa Qaqqabaa, Poolisii Dhaabaa Qaqqabaa hiriyaa isaa Abiree Fufaa Wayyumaa waliin erga hidhanii dararuu eegalanii ji’a sadii guuteera. Sababni hidhamuu isaaniis WBOf ergamta, nyaata deddeebistaa fi odeeffannoo kennitaaf jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply