Lola WBOn kaleessa galgala aanaa Amboo keessatti geggeesseen reeffii fi madoon guuramaa jira.
ONM-ABO Sadaasa 14, 2022 Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ganda magaalaa Amboo qarqara ganda Xulee bakka Bokkuu jedhamutti kaleessa fudhatameen har’a ganama Sadaasa 14, 2022 waraanni murna bilxiginnaa madoo fi reeffa ooraalii 3, paatrooli 5 fi ambulaansii 2n fuudhanii magaalaa Amboo seenanii jiru.
Akka odeessi nu qaqqabe ibsutti madoo fi wareegamni ammallee bakkicha jira jedhama.
Injifannoon uummata Oromoof
