Tarkaanfii WBOn magaalaa Cobii keessatti fudhachaa jiruun mooraan 3 buqqa’e
ONM-ABO Sadaasa 14, 2022 Lola ganama har’aa lixa Shaggar aanaa Cobii magaalaa aanichaa Cobiitti fudhatamaa jiruun gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo mooraa 3 keessaa gadhiisiseera.
Du’aa fi madoon bilxiginnaa magaalicha keessa guuteera.
Lolli kun akkaan waan itti ulfaateef murni bilxiginnaa naannoo gamoo dishqaan irraa dhuka’aa jirutti haleellaa diroonii marsaa sadii geggeessee jira.
Lolli ammayyuu itti fufeera, dirooniinis marsaa jirti.
Injifannoon uummata Oromoof!
