• Sun. Mar 15th, 2026

WBOn lixa Shaggar aanaa Cobii guutuutti to’achuu beeksise

Nov 14, 2022

WBOn lixa Shaggar aanaa Cobii guutuutti to’achuu beeksise.

ONM-ABO Sadaasa 14, 2022 Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn waraana bilxiginnaa irratti ganama qabee magaalaa Cobii keessatti fudhachaa jiruun waraanni faashistii PP magaalaa Cobii keessaa gugsee baasuun aanicha dhuunfatee jira.

Sakattaa magaalicha keessatti WBOn godheen hidhamtoota siyaasaa yeroof PPn achi tursiifaman gadhiisiseera.
Kana malees meeshaalee waraanaa hedduu booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.
Yeroo ammaa magaalaan Cobii madoo fi reeffa weerartootaatiin guuttee jirti.

Haleellaa xiyyaara waraanaa diroonii jedhamuun murni faashistii Abiy Ahimed uummataa fi qabeenya namoota irratti raawwateen miidhaa qaqqabe malee hawaasni mana cufatee balaa ga’uu danda’u xiqqeessuuf riphee jira.

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading