Lixa Shaggaritti uummanni Oromoo aanaa Daannoo finxaaleyyii Amaaraan dararamuun itti fufe.
ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Finxaaleyyoonni Amaaraa waggoottan lamaan darbaniif godina lixa Shaggar aanaa Daannoo keesatti uummata Oromoo dararaa turan itti fufuun darban lamasn darbee eegalanii humna dararaa dabalatanii jiru. Gareen finxaalessaan jibbiinsa Oromummaan machaa’e kun gandoota duraan buqqisaniin alatti ganda tokko dabalataan guutummaan guutuu buqqisanii jiru. Hanga ammaatti gandootni buqqa’an Awadii Gulufaa, Bakkee Sirbaa, Ifa Tokkummaa, Aabbuu Dooranii fi Ajilaa Daalattiiti. Humnootni farra Oromummaa kun maagaalaa Gulufaa jedhamu buufata godhachuun yeroo barbaadan deggersa murna bilxiginnaan gandoota keessa deemanii mana uummataa gubuu, ajjeesuu, qabeenya saamaa fi doorsisaa oolu. Torbee darbe keessa qofa finxaaleyyoonni kun wal gurmeessanii ganda Ifa Tokkummaa jedhamu deemanii ilmaan Oromoo 10 ol ajjeesuun magaalaa keessa deemanii yeroo sirbaa turanitti qaamni murna bilxiginnaa tokkoyyuu dhimma uummata Oromoo dubbatu jiraachuu dhabuutti gadduun uummatichi tokkummaan hidhannoo jabeeffatee WBO cinaa dhaabbachuu qofti fala akka ta’e miira aariin dhaamsa isaanii dabarsaniiru.
