• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruu keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa uummata dararuu hammeessan

Nov 25, 2022

Godina Horro Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruu keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa uummata dararuu hammeessan.

ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Murni boqonnaa uummata Oromoo dhorkachuun qe’ee abbaa isaatti uummata Oromoo dararuu aadeffate bulchiinsi abbaa irree ammayya’aan bilxiginnaa kaabinoota isaan godiba Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruu keessatti rakkoo cimaa uummata nagaa irraan ga’a jira. Rakkoon uummata Oromoo aanaa Abaaboo Guduruu irra kaabinoota bilxiginnaan ga’aa jiru keessaa muraasni qeerroo fi qarree aanaa sanaa adamsanii hiisisuu fi ajjeesisuu, aadaa Oromoo cabsanii reeffa awwaalame boollaa baasuun gubsiisuu fi bilbila uummata irraa funaanuun waraana bilxiginnaatti kennuun namoota isaaniif bilbilu eenyuutu isiniif bilbilaa jira jechuun uummata dararu.

Kana malees bilbilaan nama biroo waliin akka wal hin qunnamne dhorkuu, maqaa Seelii Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun uummata rakkisuu, isin ajjeefna jechuun uummata doorsisuu fi fedha malee uummata maqaa milishaatiin waraanatti bobbaasuufaa akka ta’e barameera. Gochoota badii kana sirna bilxiginnaa da’oo godhachuun adda durummaan kaabinoonni raawwachaa jiran itti gaafatamaa paartii badhaadhinaa kan ta’e Mirreessaa Garbaabaa fi waajjira mana maree aanichaa irraa kan hojjetu nama Firrisaa jedhamu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Akka maddeen jedhanitti aanaa Abaaboo Guduruu keessatti gochi kaabinoota murna bilxiginnaan raawwachaa jiru sukkaneessaa ta’uun irraan kan ka’e uummatni lafatti iyyatu dhabee sodaa keessa kan jiru yoo ta’u dararaan kun saamicha maallaqaa waliin walitti idaa’amee rakkkoo guddaa hawaasa aanichaa irratti fidee jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply