• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn godina Gujii Bahaa aanota garaagaraa keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse

Nov 26, 2022

WBOn godina Gujii Bahaa aanota garaagaraa keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse.

ONM-ABO Sadaasa 26, 2022 Tarkaanfii WBOn humna diina irratti fudhatu WBO zoonii kibbaanis itti fufuun Kibxata Sadaasa 20, 2022 irraa jalqabee godina Gujii bahaa aanota akka Sabbaa Booruu fi Aagaa Waayyuu keessatti Birgeedii Aduu Saafaa, Cibraa Laga Dambii fi Cibraa Madda Albudaatti taasifameen injifannoon boonsaan argameera.

Loltootni bilxiginnaa lola ona Sabbaa Boruu Qolaansa irratti ajjeefaman 38 yoo ta’an; san keessaa kan reeffa kaafatan 21 kanneen reeffa gatanii baqatan s keessa ajajootni 4 ni argamu.

Madoon PP mana yaalaa Adoolaa loltoota 30 ol kan ta’an yoo ta’u, kanneen gara magaalaa Hawaasaatti yaala olaanaaf ergaman loltoota 25 ta’u.

Guutuun tarkaanfii godina Gujii bahaa akkaataa nu qaqqabeen isiniif dhiyeessina
Injifannoon uummata Oromoof

Leave a Reply