Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo godina Gujii Bahaa keessatti waraana koloneel Abiy Ahimed adabuu itti fufe.
ONM-ABO Sadaasa 27, 2022 Abdii fi gaaddisni sabaa WBOn kaleessa Sadaasa 26, 2022 weerartoota lafa Oromoo maqaa bilxiginnaan socho’an irratti WBOn zoonii kibbaa Birgeediin Aduu Saafaa godina Gujii Bahaa aanaa Gumii Eeldalloo mooraa diinaa Gaddaa jiru irratti barii barraaqa sa’a 11:00 hanga ganamaa sa’a 4:00tti tarkaanfii guggubduu fudhateen moonaa diinaa barbaadeessuun loltoota PP 20 battalatti ajjeessee hedduu madeessuun madoo isaanii paatroolii lamaa fi Ambulaansii tokkoon gara godinaatti akka fe’atan taasiseera.
Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhatu itti fufuun har’a ganama Sadaasa 27, 2022 irraa eegalee Cibraan Odaa Adoolaa Aanaa Gooroo Adoolaa keessatti tarkaanfii laalessaa fudhachaa tureen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Guutuu gabaasa kanaa akkuma arganneen isin biraan geenya!
Injifannoon uummata Oromoof!
