• Wed. Nov 25th, 2026

Barattoonni Yuunivarsitii Diillaa addatti Oromummaan miidhamaa jiraachuu dubbatan

Dec 3, 2022

Barattoonni Yuunivarsitii Diillaa addatti Oromummaan miidhamaa jiraachuu dubbatan.

ONM – ABO – Muddee 3, 2022 Manneen hojii federaalaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi manneen barnootaa ol aanoo keessatti Oromoonni sirna sanyii balfu kanaan roorroon jabaan irra ga’aa jira.Finfinnnee keessatti kan hin daangeffamne jibbiinsi kun Yuunivarsiitii Diillaa keessattis barattoonni Oromoo sababa Oromummaa isaaniif dhiibbaa jajjabaan irratti gaggeeffamaa kan jira. Yuunvarsiitiin kun sababa daangaa Oromiyaa irra jiruuf barattoota Oromootiin isin hidhata WBO qabdu, fiddaniis mooraa keessa bulchaa jirtu jechuun yeroo garaagaraatti, waraanicha mooraa kana weerarsiisuuf deemaa jirtu jechuun olola sobaan isaan kaan doorsisaa, kaan hidhaa, akkasumallee barnoota idilee isaanii irraa ari’aa jiraachuu barattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Barattoota sabboonummaa qaban hedduu maqaa WBO itti maxxansuun mana hidhaatti dararaa kan jiran yoo ta’u, barataa Malaakuu Maatiwoos barataa waggaa 3ffaa fi muummee saayinsii ispoortii kan baratu, yeroo dheeraa fi badii tokko malee WBO deggerta jedhamuun hidhamee dararamaa turuun barnoota irraas ari’amee jira. Barataa Malaakuun reebichi guddaan eegdota yuunvarsiitichaan erga irratti raawwateen booda, tikoota bilxiginnaan qabamee dararamaa erga tureen booda gabatee barnootaa isaa irraa geggeeffame. Yuunvarsiitii kana keessatti dararaan addatti ilmaan Oromoo sanyiin qooduun irratti raawwatamaa jiru daran kan jabaataa jiru ta’uu fi ilmaan Oromoo qofaatti fo’anii maqaa siyaasaa itti maxxansuun doorsisuu, reebuu, hidhuu fi barnoota irraa ari’uun jabaatee itti fufuu barattoonni yuunvarsiitichaa dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply