Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti namoota hidhaa yeroo dheeraa
hidhuuf hidhamtoota hiraarsuu isa duriirra hammeessan.
ONN- ABO – Muddee 3, 2022 Waraanni maafi’aa Abiy Ahimed irraa ajaja fudhatee bobba’uun uummata Oromo hidhuu, saamuu fi gariin ammo ajjeesuun
hundaan hawaasa irra ga’u hammaateera. Haaluma kanaan Lixa Shaggar aanaa
Baakkoo Tibbee waajjira Poolisii magaalaa Baakkoo keessatti nama maqaan isaa
obbo Tasfaayer Qunbii jedhamu badii tokko male erga gabanii hidhuun hiraarsuu
eegalanii waggaa tokko lakkofsisee jira. Obbo Tasfaayee Qunbii nama tuttugaa
siyaasa kam keessa hin qabne fi hojii ijaarsaa hojjechuun ofi fi maatisaa kan
jiraachisaa kan ture yo ta’u yeroo ammaa namni maatii gargaaru dhabamuun
maatiin isaa rakkoof saaxilamanii jiru.
Waajjira poolisii aanaa Baakkoo Tiibbee
keessatti gabanii yeroo dheeraa murtii male nama tursuun cinaatti mana hidha
keessatti reebichi, rakkoon qulqullinaa, nyaata dhorkachuu fi doorsisni hamaa ta’uun maddeen Araataa Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
