• Wed. Nov 25th, 2026

ABO-WBOn booji’amtoota waraana bilxiginnaa 750 harka isaa turan gara maatii isaaniitti geggeesse

Dec 7, 2022

ABO-WBOn booji’amtoota waraana bilxiginnaa 750 harka isaa turan gara maatii isaaniitti geggeesse.

ONM-ABO Mudde 7, 2022 Waliigaltee waraanaa addunyaa irratti mirgi waraana booji’amee, qabiinsii fi turtii yeroo murtaa’aa harka qaama qabamanii harka jiranii irraa gara geggeeffamuu qabaniitti nagaan akka deeman ajaju seeraa lafa kaa’amee jira. ABO-WBOnis dhaaba bilisummaa saba isaaf qabsaa’u ta’uu isaatiin loltoota murna bilxiginnaa lola keessatti booji’aman akkaataa seera idil addunyaatti gara qaama barbaachisuutti geggeessuu itti fufeera. Dheengadda Muddee 5, 2022 loltoota waraana murna bilxiginnaa sadarkaa miseensummaa irraa kaasee hanga hoggansaatti jiran, kanneen umriin loltummaa hin geenye, waggaa 18 gadii hanga shammarraniitti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon lola keessatti booji’aman 750 barnootni waa’ee impaayera Itoophiyaa, biyya Oromiyaa, cabiinsa Oromoo, waan Oromoon barbaadu, bilisumma, gabrummaa, akeeka bilxiginnaa, goyyomsaa maqaa mootummaa Oromoo fi shira waamicha maqaa abbootii gadaa jedhu ilaalchisuun akkasumas tirga ykn tapha siyaasaa koloneel Abiy Ahimed barcuma siyaasa isaa tikfachuuf lubbuu ilmaan Oromoo hedduu waan isaan hin ilaalanne irratti dhabamsiisaa jiru irratti laatamuufiin nagaan gara maatii isaaniitti akka galan ABO-WBOn taasiseera. Booji’amtootni kunis miidhaa wallaalummaa fi goyomsaan isaan irra ga’eef gaabbuu himanii murna bilxiginnaa kaayyoo Eebbifamaa ABO-WBO kana dura dhaabbachuun garbummaa habashootaa jala uummata Oromoo bubbulchuuf hojjechaa jiru balaaleffataniiru. ABO-WBOn bara 2022 kana keessa booji’amtoota waraana murna bilxiginnaa 5478 gara maatii isaaniitti galchee jira. Marsaa duraan baatii Amajjii bara 2022 keessa 980, Guraandhala 1200, Ebla 850, Fulbaana 789, Sadaasa keessa 909 ta’uun barameera. Kanneen amma barnootni waliigalaa kennamuufiin gadhiifaman 750 malee kanneen biroonis jiru. Uummatni Oromoo goleelee Oromiyaa mara keessa jirtan kanneen waraana murna bilxiginnaa kanaaf abbaa, haadha, obboleessa ,obboleettii, firaa hiriyaa fi ollaa taatan guyyaa ABO-WBOn jarreen kaleessa dhaabicha dhukaasaa turaniif dhiifama godhee gadhiise kanaa kaatanii quunnamtii waliin gochuun akka fudhattan dhaabichichi beeksisa. Uummatni Oromoos gocha abaaramaa murna bilxiginnaan Oromoo Oromoo dura dhaabuun xurree bilisumma dhiphisaa gadaa aangoo isaa dhereeffaachuuf hojjechaa jiru irratti dammaquun booji’amtoota dhiifaman gadhiifaman kanas simatee hawaasatti deebisuun gocha akkasiitti akka hin deebine gorsaa fi ilmaan isaanii illee akka cidha gufuu bilisumma bilxiginnaan hojjetamaa jiru kana irraa akka qooda hin fudhanne barsiisuu akka qaban dhaamsa dabarseera. Adeemsa gadhiifamuu booji’amtoota waraana bilxiginnaa fi miira isaaniitti dhagaa’ame ilaalchisuun qophii addaa qopheeffanne sagantaa biroon isiniif dhiyeessina.

Leave a Reply