“Xumura Imala Gara Finfinnee”
Kabajamaa Uummata Oromoo, Qophooftee ?
Jaarmayaan ABO-WBO, bara 2021 keessa, erga KORA SABAA (Kora Guddicha ABO-WBO) geggeeffatee, Dhaloota Ogummaa Loltummaa, Siyaasaa fi Hoogganummaa leenjisuu cinaatti, osoo oolee hin buliin,
▪️Duula Bobbaa Maqaa Gootota Oromiyaa (Elemoo Qilxuu, Taaddasaa Birruu, Nadhii Gammadaa, Laggasaa Wagii) tiin labsee itti milkaa’e.
▪️Itti aansuunis Duula Bobbaa “Imala Gara Finfinnee” jedhu labsee ji’oota 11 darbaniif hojiitti hiikaa ture.
▪️Amma immoo “Xumura Imala Gara Finfinnee” jechuun labsee jira.
Ajajaan Olaanaa ABO-WBO, Guyyaa Gootota Oromiyaa (Oromians’ Martyrs Day) bara 2021 irratti, wayita lollee Xumuruuf jennu, Uummataaf waamicha goonee “Irra Dhangalaana” jechuun, Oromoon akka ofqopheessu akeekee ture.
Jaarmayaan ABO-WBO akkuma karoorfateen deemaa jira.
Kabajamaa Uummata Oromoo, #Qophooftee?
