Irree fi Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galaa lixa Shaggar Aanaa Amboo ganda Qulliititti diina du’aa fi madoon adabe.
ONM-ABO Muddee 10, 2022 Humnootni faashistii PP waajjiraalee tajaajila hawaasa qubsuma waraanaatti erga jijjiiranii tureera.
Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffaa Barkumee Qulliit mooraa qubsuma isaanii godhachuun magaalaa Amboo irra ittisa gochas kan turan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed mudde 10, 2022 ganama subiin moora qubsuma isaaniitti gootichi marsuun rasaasaan akaa’uun adaba tolcheera.
Lola hanga sa’a 3:00tti adeemsifame kanaan humna diina irraa 19 battala yoo ajjeesu loltoota 30 ol ammoo madeesseera.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti tarkaanfii irratti fudhatame kanatti baaraguun bakka tokkotti walitti qabamanii jiru.
Faashistootni kun Konkolaata shaniin humna dabalataa erga fidaniin booda madoo fi wareegama isaanii kaafatani jiru.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 9 waliin dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
