• Sun. Mar 15th, 2026

Humni Shororkeeessaa Faannoo Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Amuruutti dubartii Ulfaa baatii 8ti manatti itti cufuun ibiddaan guban

Dec 11, 2022

Humni ShororkeeessaaFaannoo Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Amuruutti dubartii Ulfaa baatii 8ti manatti itti cufuun ibiddaan guban.

ONM-ABO mudde 11, 2023 Humni finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman kan tumsi maallaqaa fi hidhannoo murna bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin isaaniif taasifamuun daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo irratti yakka suukkanneessaa fi duguuggaa sanyii raawwachaa jiran itti fufanii jiru.

Humni Kun Godina Horroo guduruu wallaggaa aanaa Amuuruu keessatti yakka seenaa keessatti raawwatamee hin beekne dubartii ulfaa baatii 8ti mana olgalchuun ibiddaan gubuu isaanii ragaan viidiyoo irraa argame ni agarsiisa.

Haati ulfaa kun gubiinsa irratti raawwatee mucaan garaa ishee keessaa alatti gadi ba’ee bifa ilaaluun nama sukkanneessuun reeffi ishee mul’ata.

Ilmaan Oromoo irratti waantota salfachiisoo hedduun raawwachaa waan jiruuf uummanni tokkummaan ka’ee falmaa finiinsuu qaba jechuun jiraattootni aanaa Amuruu dhaamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading